{"id":4039,"date":"2025-04-25T06:32:26","date_gmt":"2025-04-25T06:32:26","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=4039"},"modified":"2025-04-25T06:32:28","modified_gmt":"2025-04-25T06:32:28","slug":"manni-maree-ceuumsa-qonnaa-oromiyaa-kallattiiwwan-gara-garaa-kaaeera-pireezidaanti-shimallis-abdiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/","title":{"rendered":"Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#8217;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa"},"content":{"rendered":"\n<p><a><\/a>AMN PLUS- Ebla 16, 2017<\/p>\n\n\n\n<p>Waltajjii Mana Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa marsaa 3ffaa har\u2019a gaggeessineen, hanqinootafi ciminoota muldhatan qorachuun, kallattii gara fuulduraa kaa\u2019un goolabneerra jedhan Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa.<\/p>\n\n\n\n<p>Guutuu ergaa isaanii&#8230;<\/p>\n\n\n\n<p>Manni Maree Ce&#8217;umsa Qonnaa, dhimmoota gooroo ce&#8217;uumsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera. Kunis, ka\u2019uumsiifi jalqabbiin imala Mana Marichaa, akka gaarii ture kan hubachiisu.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama kaaniin, xiyyeeffannoon sadarkaa Manneen Maree Kilaastarootaatti ture, bittinnaa\u2019uufi manniiwwan kaa\u2019aman haala qabatamaa \u201cagro-ecology\u201dfi gandootatti madaqfamuu dhabuun, dhawaata adeemsa harkifataa keessa akka galamu taasisuu argineerra.<\/p>\n\n\n\n<p>Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa, jalqaba irratti faan-dhawa qajeelcha cehumsa qonnaa (agricultural transformation roadmap)\u2019fi inisheetivoota fakkeenya ta\u2019an qopheessee dhiyeessun isaa sirrii ture. Haata\u2019uutii, dhawaata, adeemsa raawwii isaanii maloota saayinsaawadhaan deeggaruutti ce\u2019uu dhabuu, akka dadhabbinaatti fudhanneerra. Keessumaa, Manneen Maree Kilaastarootaa, riqicha Qorannoofi Qotee\/Horsiisee Bultootaa ta\u2019uutti ce\u2019uu osoo qaban, harkifachuu isaanii akka dadhabbinaatti fudhachuun, ariitiin gahee kana bahachuutti seenuu akka qaban ilaalleerra.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492112397_1120600383422070_3757997535942611382_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4041\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Yaadota gamaaggamaa waltajjii kanarraa ka\u2019uun, kallattii fuulleffannaa keenyerra. Bu\u2019uuruma kanaan gama tokkoon tarkaanfiilee adeemsa inisheetivoota turanii cimsan, gama kaaniin, gosoota inisheetivii haaraa hojiitti galuu qaban keenyerra. Haaluma kanaan:<\/p>\n\n\n\n<p>Tokkoffaa, \u201cagro-ecology\u201d irratti hundaa\u2019uun, inisheetivoota haala qabatamaa gandaa giddugaleeffateen raawwachiisuu; lammaffaa, ekisteenshinii qonnaa beekumsaafi ogummaa \u201cagro-ecology\u201d akkasumas omisha giddugaleessa taasise qopheessuun, ogeeyyii qonnaa, hoggansa gandaafi horsiisee\/qotee bultoota qabsiisuu; sadaffaa, inisheetivii \u2018indastirii godoo kurfeessa omishaalee qonnaa\u2019 hojiitti galchuun sona omishaalee qonnaa dabaluu akkasumas sirna omishaa keenyaa fooyyessuu; afraffaa, hojiin galteewwan qonnaa, mekaanaayizeeshiniifi kkf irratti raawwatamu, oomishtummaa guddisuu dhimma ijoo akka taasisu, kunis omishtummaa idil-adduunyaa jiruun akka madaalamu; shanaffaa, bu\u2019uuraalee, leecalloofi hojimaata barbaachisoo guutuun sirna daldalaa keenya faddaaltota harkaa baasuun murteesummaa cancala gabaa qabatamaa mirkaneessuu; jahaffaa, inisheetivii cimmisa bishaanii (water harvasting); torbaffaa inisheetivii misooma jirbii; saddeettaffaa, inisheetivii misooma aappilii; saglaffaa inisheetivii misooma mikideemiyaafi kurnaffaa inisheetivii horsiisa booyyee bocuun hojiitti galchuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumagalatti, Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa, iddoo oomtuu hinturretti, humna jalqabbii ta\u2019ee jijjiirama agarsiisuu isaatiif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa dhiyeessaf. Haata\u2019u malee, raawwiilee turan, hedduu guddisee kan muldhise, lafti ka&#8217;uumsa keenyaa dirree ta\u2019uu hubatamuu qaba. Galma ce&#8217;uumsa qonnaa qabame milkeessuuf, imala tabba qonnaa keenya reefu jalqabuu beeknee, ergama qormaata qabuuf qophii akka taanu yaadachiisuun barbaada. Kanaafis, haala dandeessisoo Gurmaa\u2019insi Mootummaa Gandaa gama hundaan nuuf ume duguugnee fayyadamuu akka qabnu cimsee hubachiisun barbaada.<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"4039\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"2136d4d785\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4039\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Ebla 16, 2017 Waltajjii Mana Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa marsaa 3ffaa har\u2019a gaggeessineen, hanqinootafi ciminoota muldhatan qorachuun, kallattii gara fuulduraa kaa\u2019un goolabneerra jedhan Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa. Guutuu ergaa isaanii&#8230; Manni Maree Ce&#8217;umsa Qonnaa, dhimmoota gooroo ce&#8217;uumsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera. Kunis, ka\u2019uumsiifi jalqabbiin imala Mana Marichaa, akka gaarii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":4040,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,4],"tags":[],"class_list":["post-4039","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Manni Maree Ce&#039;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#039;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Manni Maree Ce&#039;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#039;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Ebla 16, 2017 Waltajjii Mana Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa marsaa 3ffaa har\u2019a gaggeessineen, hanqinootafi ciminoota muldhatan qorachuun, kallattii gara fuulduraa kaa\u2019un goolabneerra jedhan Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa. Guutuu ergaa isaanii&#8230; Manni Maree Ce&#8217;umsa Qonnaa, dhimmoota gooroo ce&#8217;uumsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera. Kunis, ka\u2019uumsiifi jalqabbiin imala Mana Marichaa, akka gaarii [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-04-25T06:32:26+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-04-25T06:32:28+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"960\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"640\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"2 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#8217;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa\",\"datePublished\":\"2025-04-25T06:32:26+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-25T06:32:28+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/\"},\"wordCount\":393,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/\",\"name\":\"Manni Maree Ce'uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa'eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-04-25T06:32:26+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-25T06:32:28+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg\",\"width\":960,\"height\":640},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4039\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#8217;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Manni Maree Ce'uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa'eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Manni Maree Ce'uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa'eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Ebla 16, 2017 Waltajjii Mana Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa marsaa 3ffaa har\u2019a gaggeessineen, hanqinootafi ciminoota muldhatan qorachuun, kallattii gara fuulduraa kaa\u2019un goolabneerra jedhan Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa. Guutuu ergaa isaanii&#8230; Manni Maree Ce&#8217;umsa Qonnaa, dhimmoota gooroo ce&#8217;uumsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera. Kunis, ka\u2019uumsiifi jalqabbiin imala Mana Marichaa, akka gaarii [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-04-25T06:32:26+00:00","article_modified_time":"2025-04-25T06:32:28+00:00","og_image":[{"width":960,"height":640,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"2 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#8217;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa","datePublished":"2025-04-25T06:32:26+00:00","dateModified":"2025-04-25T06:32:28+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/"},"wordCount":393,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg","articleSection":["Editor's Pick","Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/","name":"Manni Maree Ce'uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa'eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg","datePublished":"2025-04-25T06:32:26+00:00","dateModified":"2025-04-25T06:32:28+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/492230682_1120600236755418_8798892157125841607_n.jpg","width":960,"height":640},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4039\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Manni Maree Ce&#8217;uumsa Qonnaa Oromiyaa kallattiiwwan gara garaa kaa&#8217;eera- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4039","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4039"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4039\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4042,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4039\/revisions\/4042"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4040"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4039"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4039"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4039"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}