{"id":4687,"date":"2025-06-13T05:51:06","date_gmt":"2025-06-13T05:51:06","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=4687"},"modified":"2025-06-13T06:48:27","modified_gmt":"2025-06-13T06:48:27","slug":"gadaan-tuulama-sadeenii-marsaa-71ffaan-odaa-nabeetti-godaane","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/","title":{"rendered":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane"},"content":{"rendered":"\n<p><a><\/a>AMN PLUS- Waxabajjii 05\/2017<\/p>\n\n\n\n<p>Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Ardaawwan Jilaa isaa irratti sirna raawwachuun Odaa Nabeetti godaane<\/p>\n\n\n\n<p>Godaansa kanaan Abbaa jilaa fi baallii Melbaa irraa fudhachuuf kan deemu gogeessi gadaa Mudanaa ardaalee jilaa adda addaatti sirna rawwachuun har&#8217;a ganama irraa kaasee gara Odaa Nabee seenaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Sadan Tuulamaa keessa angafticha kan ta&#8217;e Daacciin Ardaa jilaa isaa irratti bobbaa qalee erga of-qulqulleessee fi sirnoota barbaachisu rawwatee booda godaansaaf gara Odaa Nabeetti qajeeleera.<\/p>\n\n\n\n<p>Jahan Bachoo miseensota yaa&#8217;ii isaa hunda qabatee Ardaa jilaa Malka Hawaas irratti axaarratee of-qulqulleessuun gara wiirtuu Gadaa Tuulamaa kan ta&#8217;e Odaa Nabee qaqqabee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Bachoo kaasee hanga Karrayyuu, dangaa Siikkoo Mandoo fi naannoo Amaaraatti akkasumas hanga daangaa uummata Guraageetti diriirfatee kan qubate jahan Jiillee wiirtuu isaa kan taate Ardaa jilaa Gafarsa Kormaatti har&#8217;a Waaqa isaa kadhachuun, sa&#8217;a nama eebbifachuun bobbaa qalee; qe&#8217;ee Alchiisa ykn duulootti dhiifatee gara Odaa Nabeetti godaane jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Jiilleen sadan Tuulamaa keessaa kan ammatti baalliin(Alangeen) harka jirtuu fi kan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoola keessaa dhufaniidha.<\/p>\n\n\n\n<p>Tuulamni Sadeen Wagga darbe kana keesaatti Ardaa Jilaa mataa mataa isaatti sirna garaagaraa raawwatee, chidha godhatee, kan harki dhiigee fi garaan xuraa&#8217;e qulqulleeffatee Amna(imala) dheertuu fi dadhabsiisaan booda gara Wiirtuu gadaa isaa Odaa Nabeetti dhufe.<\/p>\n\n\n\n<p>Guyyoota itti aanan sadi&#8217;ii hanga shanii keessatti ammoo Seerota wixinatee, kan foyya&#8217;uu qabu foyyeeffatee fi kan hafuu qabu hambisee gara qe&#8217;ee ofiitti deebi&#8217;uuf akka ta&#8217;u Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoola addatti AMN PLUS tti himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Akka isaan jedhanitti, Odaa Nabee bakka walgeetti kanatti, Tuulamni Dharraa hanga Giincii Ejersa Lafootti, daangaa naannoo Amahaaraa hanga dangaa Saba Guraageetti jiru cufti walgahee tokkummaa isaa kan itti cimsatuu fi kan dabe itti soroorfatuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Korma qalee meendhacha kaawwatee, wal-eebbisee hanga waggaa dhufuutti nagaa dhaammatee walbiraa deemas jedhan.<\/p>\n\n\n\n<p>Haata&#8217;u malee, hanga baallii walharkaa fuudhinsi gogeessota Gadaa Melbaa fi Muudana jidduutti asuma Odaa Nabeetti rawwatamutti ganna tokkoof seerota har&#8217;a Odaa Nabeetti qaacceffame kana irratti Ardawwan jilaa kan akka Qarree golbee, Odaa Hamdee, Qilxuu Gachii, Fooqa Lumee, Malkaa Hawaas, Gafarsa kormaa fi kanneen biroo irratti maryachaa tura.<\/p>\n\n\n\n<p>Heerri Waaqaa fi malkaa Caffee Dongoraatti ni ragaasifama. Seerri waliigalaa Kan muudanni ittiin Tuulama sadeen ittiin bulchu ammoo Caffee Tumaatti waggaa dhuftu kan dhangala&#8217;u ta&#8217;uu AMN PLUS odeeffateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bayyanaa Taaddasaa<\/p>\n\n\n\n<p>Shawaa Bahaa Ardaa Jilaa Odaa Nabee irraa<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"4687\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"3d058f0ad3\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Waxabajjii 05\/2017 Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Ardaawwan Jilaa isaa irratti sirna raawwachuun Odaa Nabeetti godaane Godaansa kanaan Abbaa jilaa fi baallii Melbaa irraa fudhachuuf kan deemu gogeessi gadaa Mudanaa ardaalee jilaa adda addaatti sirna rawwachuun har&#8217;a ganama irraa kaasee gara Odaa Nabee seenaa jira. Sadan Tuulamaa keessa angafticha kan ta&#8217;e Daacciin Ardaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":4688,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[15],"tags":[],"class_list":["post-4687","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-hawaasummaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Waxabajjii 05\/2017 Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Ardaawwan Jilaa isaa irratti sirna raawwachuun Odaa Nabeetti godaane Godaansa kanaan Abbaa jilaa fi baallii Melbaa irraa fudhachuuf kan deemu gogeessi gadaa Mudanaa ardaalee jilaa adda addaatti sirna rawwachuun har&#8217;a ganama irraa kaasee gara Odaa Nabee seenaa jira. Sadan Tuulamaa keessa angafticha kan ta&#8217;e Daacciin Ardaa [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-06-13T05:51:06+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-06-13T06:48:27+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"884\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"598\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"2 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane\",\"datePublished\":\"2025-06-13T05:51:06+00:00\",\"dateModified\":\"2025-06-13T06:48:27+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/\"},\"wordCount\":388,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/06\\\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Hawaasummaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/\",\"name\":\"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/06\\\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-06-13T05:51:06+00:00\",\"dateModified\":\"2025-06-13T06:48:27+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/06\\\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/06\\\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg\",\"width\":884,\"height\":598},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/4687\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Waxabajjii 05\/2017 Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Ardaawwan Jilaa isaa irratti sirna raawwachuun Odaa Nabeetti godaane Godaansa kanaan Abbaa jilaa fi baallii Melbaa irraa fudhachuuf kan deemu gogeessi gadaa Mudanaa ardaalee jilaa adda addaatti sirna rawwachuun har&#8217;a ganama irraa kaasee gara Odaa Nabee seenaa jira. Sadan Tuulamaa keessa angafticha kan ta&#8217;e Daacciin Ardaa [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-06-13T05:51:06+00:00","article_modified_time":"2025-06-13T06:48:27+00:00","og_image":[{"width":884,"height":598,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"2 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane","datePublished":"2025-06-13T05:51:06+00:00","dateModified":"2025-06-13T06:48:27+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/"},"wordCount":388,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg","articleSection":["Hawaasummaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/","name":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg","datePublished":"2025-06-13T05:51:06+00:00","dateModified":"2025-06-13T06:48:27+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/06\/505481982_1158892206259554_705528090493935162_n.jpg","width":884,"height":598},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/4687\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Odaa Nabeetti godaane"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4687"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4689,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687\/revisions\/4689"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4688"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4687"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4687"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4687"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}