{"id":8623,"date":"2025-09-22T11:49:10","date_gmt":"2025-09-22T11:49:10","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=8623"},"modified":"2025-09-22T11:49:12","modified_gmt":"2025-09-22T11:49:12","slug":"furmaatni-biyya-walabaa-lama-hundeessuu-two-state-solution-rakkoo-israaeliifi-paalastaayin-gidduu-akkamiin-furuu-dandaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/","title":{"rendered":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &#8220;Two State Solution&#8221; rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#8217;a?"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><a><\/a>AMN PLUS- Fulbaana 12\/2018<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin waggoota 75 oliif deemaa jiruuf falli barbaadamaa ture bu&#8217;aa fiduu dhabuu isaan sodaan duguuggaa sanyii uummata Paalaastiin irratti aggaamamee jiraachuu himama.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Murtoowwan dhukaasa dhaabuu Mana Maree Tasgabbii UN dhiyeessus, Amerikaan aangoo &#8220;Sagalee Sagaleen Kuffisuu&#8221; (Veto Power) fayyadamuun yeroo 6ffaaf tibbana kuffisteetti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kanaafis biyyootni addunyaa hedduun yaada furmaataa &#8216;Biyya Walabaa Lamaa&#8217; (Two State Solution) jedhamu deeggaruuf murtoowwan isaanii beeksisaa jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Murtoon kun ammoo kan milkaa&#8217;u, jalqaba biyyoonni Paalastaayiniif beektii biyyummaa hin kennine, beekamtii kennuun Walabummaa ishee addunyaan akka beeku gochuudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kanaafis kaleessa qofaa Mootummoonni Kanaadaa, Awustraaliyaa Poorchugaalii fi UK, mootummaa Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kennaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Keessumaa UK fi Kanaadaan miseensota Gamtaa Biyyoota Garee Torbaa (G-7) ta&#8217;uun isaanii yaada furmaataa kanatti abdii horeera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Biyyoota Miseensa UN ta&#8217;an 193 keessaas 151 beekamtii laataniiru. Kun ammoo %75 ol ta&#8217;a.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ministirri Muummee UK, Kiir Istaarmar murtoo biyya isaanii kana yeroo labsan &#8220;Giddugala Bahaatti taatee sukkanneessaa mudataa jiruuf furmaata ta&#8217;uu mala jennee, Paalaastiiniif beekamtii kennineerra&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Yaadni &#8216;Furmaata Biyyoota Walabaa Lamaa&#8217; jedhu kun jalqaba 1937 Biriteen yaadde, bara 1947tti ammoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin dhiyaate.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Karoorichis biyya Walabaa Jewishiifi Biyya Walabaa Arabaa beekamtii guutuu qaban lama dachii san irratti hundeessuun daangaa tolchuuf kan kaayyeffate ture.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Garuu karoorri kun mormii gama Israa&#8217;el irraa mudateen bara 1948tti Waraana biraa kaasise. Israa&#8217;el lafa sana %60 to&#8217;atte.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Boodas bara 1967 yeroo waraana guyyaa 6 Israa&#8217;eliifi biyyoota Arabaa gidduutti adeemsifame san Israa&#8217;el qabannaa babal&#8217;ifachuun yaadni Furmaata biyyoota lamaa jedhu gara biyya tokkootti kufe.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dhaabbanni Walabummaa Paalastiin (PLO) Yaa&#8217;ii Biyyoota Arabaa bara 1982 booda yaada furmaataa biyyoota walabaa lama hundeessuu kun yoo mootummaan Paalaastiin lafa Westibaanki, Gaazaafi Baha Jerusaalem irratti kan hundaa&#8217;u ta&#8217;e akka fudhatu beeksisee turus Yaa&#8217;iin Waliigalaa UN beekamtiin biyyoota addunyaa waan barbaachisuuf dhiibbaa taasisaa tureera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Paartiin Israa&#8217;el bulchaa ture Likuud yeroo san biyyummaa Paalaastiin erga mormee booda, biyyoonni michuu Israa&#8217;el ta&#8217;anis beekamtii dhowwatan.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Amma garuu sun jijjiiramaa dhufeera. UKn kaleessa Paalaastiiniif beekamtii laachuun biyya 150ffaa taateetti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Faransaayi, Beljeem, Lugzambarg, Maaltaafi biyyoonni kaanis dhiyeenya beekamtii laatu jedhameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Garee biyyoota 20 (G-20) keessaa biyyootni 13 beekamtii kennaniiruufi.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Xiinxaltoonni tokko tokko beekamtiin kennamaa jiru kun tarkaanfii murteessaa ta&#8217;us kun qofaan garuu rakkoo gadi fagoo Paalaastiin hin furu jedhu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Inumaa hawaasni idil addunyaa waa&#8217;ee Gaazaa callisee ilaaluu isaaf dogoggora seenaa hojjetan jalaa dhokachuuf beekamtii kana kennaa jiru kan jedhanii qeeqanis jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Aljeeriyaan bara 1988tti Paalaastiiniif beekamtii laachuun biyya Jalqabaati, UKn ammoo biyya 150ffaa taateetti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Har&#8217;a Yaa&#8217;ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti geggeeffamu booda, biyyoonni hedduun beekamtii walabummaa Paalaastiiniif akka labsan eegama.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaan Guraandhala 4, bara 1989 beekamtii guutuu Paalastiiniif laachuun ni yaadatama.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Furmaatni biyya walabaa lama jedhu kun mariiwwan dabalataa waan barbaaduuf Faransaayifi Sawudii Arabiyaan yaa&#8217;ii qopheessuuf fedhii agarsiisaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Tagany Bafiqaaduutiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"b74bc1ca91\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/8623\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Fulbaana 12\/2018 Rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin waggoota 75 oliif deemaa jiruuf falli barbaadamaa ture bu&#8217;aa fiduu dhabuu isaan sodaan duguuggaa sanyii uummata Paalaastiin irratti aggaamamee jiraachuu himama. Murtoowwan dhukaasa dhaabuu Mana Maree Tasgabbii UN dhiyeessus, Amerikaan aangoo &#8220;Sagalee Sagaleen Kuffisuu&#8221; (Veto Power) fayyadamuun yeroo 6ffaaf tibbana kuffisteetti. Kanaafis biyyootni addunyaa hedduun yaada furmaataa &#8216;Biyya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":8624,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,5],"tags":[],"class_list":["post-8623","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-idil-adunyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.9 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &quot;Two State Solution&quot; rakkoo Israa&#039;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#039;a? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &quot;Two State Solution&quot; rakkoo Israa&#039;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#039;a? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Fulbaana 12\/2018 Rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin waggoota 75 oliif deemaa jiruuf falli barbaadamaa ture bu&#8217;aa fiduu dhabuu isaan sodaan duguuggaa sanyii uummata Paalaastiin irratti aggaamamee jiraachuu himama. Murtoowwan dhukaasa dhaabuu Mana Maree Tasgabbii UN dhiyeessus, Amerikaan aangoo &#8220;Sagalee Sagaleen Kuffisuu&#8221; (Veto Power) fayyadamuun yeroo 6ffaaf tibbana kuffisteetti. Kanaafis biyyootni addunyaa hedduun yaada furmaataa &#8216;Biyya [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-09-22T11:49:10+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-09-22T11:49:12+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"2 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &#8220;Two State Solution&#8221; rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#8217;a?\",\"datePublished\":\"2025-09-22T11:49:10+00:00\",\"dateModified\":\"2025-09-22T11:49:12+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/\"},\"wordCount\":461,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/09\\\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Idil Adunyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/\",\"name\":\"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu \\\"Two State Solution\\\" rakkoo Israa'eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda'a? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/09\\\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-09-22T11:49:10+00:00\",\"dateModified\":\"2025-09-22T11:49:12+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/09\\\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/09\\\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg\",\"width\":1080,\"height\":1080},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/8623\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &#8220;Two State Solution&#8221; rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#8217;a?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu \"Two State Solution\" rakkoo Israa'eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda'a? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu \"Two State Solution\" rakkoo Israa'eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda'a? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Fulbaana 12\/2018 Rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin waggoota 75 oliif deemaa jiruuf falli barbaadamaa ture bu&#8217;aa fiduu dhabuu isaan sodaan duguuggaa sanyii uummata Paalaastiin irratti aggaamamee jiraachuu himama. Murtoowwan dhukaasa dhaabuu Mana Maree Tasgabbii UN dhiyeessus, Amerikaan aangoo &#8220;Sagalee Sagaleen Kuffisuu&#8221; (Veto Power) fayyadamuun yeroo 6ffaaf tibbana kuffisteetti. Kanaafis biyyootni addunyaa hedduun yaada furmaataa &#8216;Biyya [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-09-22T11:49:10+00:00","article_modified_time":"2025-09-22T11:49:12+00:00","og_image":[{"width":1080,"height":1080,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"2 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &#8220;Two State Solution&#8221; rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#8217;a?","datePublished":"2025-09-22T11:49:10+00:00","dateModified":"2025-09-22T11:49:12+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/"},"wordCount":461,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg","articleSection":["Editor's Pick","Idil Adunyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/","name":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu \"Two State Solution\" rakkoo Israa'eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda'a? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg","datePublished":"2025-09-22T11:49:10+00:00","dateModified":"2025-09-22T11:49:12+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/09\/552935503_1244666401015467_5194022089433075025_n.jpg","width":1080,"height":1080},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/8623\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu &#8220;Two State Solution&#8221; rakkoo Israa&#8217;eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda&#8217;a?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/8623","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=8623"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/8623\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":8625,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/8623\/revisions\/8625"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/8624"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=8623"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=8623"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=8623"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}