Joorjiyaatti xiyyaarri waraanaa Turkiyee kufuun loltoonni 20 fi miseensonni balalii du’uun isaanii gabaafameera.
Xiyyaarri waraanaa qabeenya Humna Waraanaa Turkiyee ta’e ‘C-130’ Azarbaajaan irraa ka’ee gara Turkiyeetti osoo balali’uu Joorjiyaatti kufuun miidhaa qaqqabsiisuun isaa ibsameera.
Xiyyaarri Waraanaa Azarbaajaan magaalaa Gaanjaa irraa gara Turkiyeetti osoo deebi’uu daqiiqaa 27’f raadaariin ala bahee turuun naannoo daangaa Joorjiyaafi Azarbaajaanitti kufuu isaa Al-jazeeraafi BBC’n gabaasaniiru.
Pirezidaantiin Turkiyee Reesib Xaayib Erdoohaan hojiin haftee xiyyaarichaa deebisuu hojjetamaa jiraachaa ibsaniiru.
Sababni balaa hanga ammaatti kan hin beekamne yoo ta’u, qoratamaa jiraachuus hubatameera.