Yaa’iin addaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jira

You are currently viewing Yaa’iin addaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jira

AMN PLUS- Amajjii 19, 2017

Walga’iin addaa 1ffaa bara hojii 4ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa gaggeeffamaa jira.

Manni marichaa gabaasa raawwii karoora ji’oota 6 bara bajataa 2017 Ministeera Qonnaa dhaggeeffachaa jira.

Waliigalteewwan liqii lamas gamaaggamee ni raggaasisa jedhamee eegama.

Akkasumas, wixinee labsii abbummaa lafa magaalaa fi galmee qabiyyee lafaa fi liizii lafa magaalaa ilaalchisee gabaasaa fi yaada koree Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjiba Magaalaa qoratee ni raggaasisa jedhamee eegama.

Dabalataanis, wixinee labsii barnoota waliigalaa ilaalchisee gabaasaa fi yaada Koreen Dhaabbii Dhimmootaa Misooma Qabeenya Namaa, Hojii fi Teeknooloojii dhiyaatu qoratee akka raggaasisu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply