Yaa’iin nageenya biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa 3ffaan Magaalaa Bahaar Daaritti eegalame

You are currently viewing Yaa’iin nageenya biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa 3ffaan Magaalaa Bahaar Daaritti eegalame

AMN PLUS-Waxabajii 04/2017

Yaa’iin nageenyaa biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa 3ffaan Magaalaa Baahar Daaritti taa’amaa jira.

Yaa’icha Gumii Dhaabbilee Amantaa Naannoo Amaaraafi Gumii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaatu mata duree “Amantaaleen Nageenyaaf, Walkabajaa fi Waloomaaf” Jedhuun waliin qopheesse.

Bulchaan Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Barreessaan Waliigalaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa, Abbootiin Amantaa, keessummoonni naannolee adda addaarraa waamamanii fi hooggantoonni olaanoon naannichaa biroon yaa’icharratti argamaniiru.

Hirmaattonni 400 caalan gumii biyyaalessaa kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u, barreeffamoon marii lama dhihaatanii irratti akka mari’atamu TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply