Biyyootni Afrikaa Lixaa Sadan Burkiinaa Faasoo, Maaliifi Niijeer miseensummaa Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa/ ICC keessaa akka of baasan ibsaniiru.
Biyyootni kunneen manni murtichaa biyyoota biroo irratti gocha koloneeffannaa harka jalaa raawwataa jira jechuun hatattamaan keessaa ba’uuf akka murteessan isaan taasisuu ibsa waloon kennaniin hubachiisaniiru.
Pirezidaantotni biyyoota kanneenii fonqolcha mootummaatiin aangootti kan dhufan yoo ta’u, kana booda ICC Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deggeramu kanaaf beekamtii akka hin kennine beeksisaniiru.
ICC’n yakkoota waraanaa ragaa qabatamaa qaban, yakka namummaa, duguuggaa sanyii raawwataman irratti himatee osoo adabsiisuu akkan agarre ibsaniiru. Manni murtichaa hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada hin kennine.
Biyyootni kunneen michuu Raashiyaa yoo ta’an, ICC’n pirezidaanti Vilaadmiir Puutin irratti Dhimma Yuukireeniif bara 2013 ajaja hidhaa irratti baasuun isaa ni yaadatama.
Biyyootni 3’n maloota qe’ee ittiin nagaafi haqummaa kabachiisan akka qopheessan beeksisaniiru. Himatni ICC’n hanga ammaatti bane 33 yoo ta’u hundumtuu Afrikaa ni ilaallatu.
Biyyootni bara 2022 hanga 2023’tti Gamtaa Saaheel hundeessan kunneen Al-qaayidaa fi “IS” irratti yeroo duula banan namoota nagaa irratti yakka raawwataniiru jedhamuun himatamu.
Kanaan duras Burundiin Bara 2017’tti miseensummaa ICC keessaa yoo of baastu, biyyootni addunyaa biroo fedhii itti makamuun dhabaniifi erga seenaniis keessaa ba’an hedduu ta’uu isaanii BBC fi France 24 gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin