Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Wal tahiinsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Warqinaa Gabayyoo (PhD) dargaggoonni adeemsa ijaarsa nagaa naannichaa keessatti gahee isaanii guddisuun sagalee nagaa akka ta’an waamicha dhiyeessan.
Yaa’ii Nagaa fi Tasgabbii Dargaggoota Naannoo IGAD Keeniyaa Naayiroobiitti adeemsifame irratti Barreessaan Olaanaa kun dargaggoota malee nagaa yaaduun akka hin danda’amne ibsaniiru.
Dargaggoonni naannichaa sagalee nagaa ta’uuf dammaqinaan hirmaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Keessumaa dargaggoonni haala itti walitti bu’iinsa dursanii ittisuu fi walitti bu’iinsa boodas furuun danda’amurratti gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru.
Naannichatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf IGAD ciminaan hojjechaa akka jiru kan ibsan Dr. Warqinaan, dargaggoonni gama kanaan ambaasaaddara nagaa akka ta’an waamicha dhiyeessaniiru.
Dargaggoonnis mirgaa fi dantaa dargaggoota naannichaa biroo kabachiisuuf akka hojjechuu qaban dhaamaniiru.
Dabbatichi, Yaa’ii Dargaggoota Naannoo IGAD Isa jalqabaa kana, Mootummaa Jaappaan waliin ta’uun kan qopheesse yoo ta’u hanga boruutti akka itti fufu beekameera.