Gamtaan Afriikaa du’aan boqochuu Raayilaa Oodingaatti gadda itti dhaga’me ibse

You are currently viewing Gamtaan Afriikaa du’aan boqochuu Raayilaa Oodingaatti gadda itti dhaga’me ibse

AMN PLUS- Onkoloolessa 5/2018

Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahmuud Alii Yusuuf, Ministira Muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Oodingaa du’aan boqochuusaaniitti gadda itti dhaga’ame ibsan.

Gamtaa Afrikaa, dhaabbileefi qaamota Gamtichaa hundumaa bakka bu’uun, maatii isaanii, mootummaa Keeniyaa akkasumas maatii Afrikaa mara gaddi kun itti dhaga’ameef jajjabina hawwaniiru.

Siyaasa Keeniyaa keessatti maqaa guddaa horachuu Raayilaa kan yaadachiisan Komishinarichi diimookiraasii, bulchiinsa gaariifi guddina uummata irratti xiyyeeffate jijjiirama fiduu keessatti gumaacha isaan bahataniif yaadatamaa akka jiraatan ibsaniiru.

Afrikaan ilmaan ishee abbaa mul’ataa ta’an keessaa isa tokko dhabuu kan kaasan Maahmuud Yusuuf, keessumaa guddina bu’uura misooma Afrikaaf, qindoominaafi walitti hidhamiinsa ardichaaf akkasumas bu’uura Naannoo Daldala Bilisaa Afriikaa (AfCFTA) kaa’uun isaanii yaadachiisan.

Gamtaan Afrikaa, gadda maatii Raayilaa Oodingaa, mootummaa Keeniyaa mudate waliin akka qooddatu ibsuun jajjabina hawwuu isaanii odeeffannoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply