Gamtaan Afrikaafi Jaappaan walta’iinsa tarsiimowaadhaan cimsanii waliin hojjechuufi

You are currently viewing Gamtaan Afrikaafi Jaappaan walta’iinsa tarsiimowaadhaan cimsanii waliin hojjechuufi

‎AMN PLUS- Hagayya 18/2017

‎Gamtaan Afrikaa fi Jaappaan walta’iinsa tarsiimoo isaanii daran cimsuuf akka hojjetan beeksisaniiru.

‎Fooramiin Jaappaan 9ffaan Misooma Afrikaa Idil Addunyaa (TICAD) magaalaa Yookoohaamaatti taa’ameera.

‎Koricha irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahamuud Alii Yuusufi fi Pirezidaantiin Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan Akiihiikoo Taanaakaa (Dr.) waliin mari’ataniiru.

‎Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa walta’insa tarsiimowaa JICA fi Gamtaa Afrikaa akkasumas diinagdee fi hawaasummaa dabalatee dameelee ijoo Afrikaa keessatti hojiilee invastimantii hojjetaman dinqisifataniiru.

‎Dura taa’aa fi Pireezidaantichi walta’insa Gamtaa Afrikaa fi Jaappaan gidduu jiru cimsuuf kutannoo qaban ibsaniiru.

‎Fooramiin TICAD 9ffaan gara marsaa jijjiirama dinagdee itti fufiinsa qabutti akka ce’uuf hojii waloo uumuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

‎Waltajjiin kun Hagayya 14, 2017 irraa eegalee taa’amaa kan ture har’a murteewwan adda addaa dabarsuun kan xumuramu ta’uu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply