Pirezdaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Samooyi Ruutoon Hidhi haaromsaa Guddichi Itoophiyaa Pirojektii bishaanii guddaa ardii Afrikaa qofa osoo hin taane Mallaattoofi ashaaraa Paan-Afrikaaniiziimiiti jedhan.
Eebba Pirojektii guddicha Afrikaa kanarratti hoggantootni biyyoota Afrikaa garagaraa argamaniiru.
Pirezdaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Samooyi Ruutoo haasaa taasisaniin, imalli badhaadhinaa Itoophiyaan eegalte biyyattii qofaaf osoo hin taane biyyoota naannawaafi ardiitiif akka fakeenyaatti kaafama jedhan.
Osoo humni, Qabeenyifi beekumsi Abbaayyaa ijaaru hin jiru jedhamuun tuffatamtanii deeggarsa tokko malee qabeenyaa, beekumsaafi dafqa curuursitanii Pirojektii guddaa kana xumuruun, ardiicha kan boonseef mataa ol kan qabachiiseedha jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa dhiiga isaanii cobsanii Abbaayya ijaaranii xumuraniifi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad galateeffatuun, tattaaffii badhaadhina ardiifi biyyattii dhugoomsuuf taasisaa jiran jajaniiru.
Wiiliyaam Samooy Ruutoon Biyyi isaanii Keeniyaan Waliigaltee waggoota 25f turuu anniisaa meeggawaattii 200 Itoophiyaarra fudhaachaa jiraachuu himuun, Kallattii gara fuulduraararrattis Ministira Muummee Itoophiyaa waliin haala anniisaa dabalataa argannurratti dubbannerra jedhan.
Namoomsaa Baalliitiin