Mariin Dhimma Misooma Qurxummii biyyoota miseensa IGAD Finfinneetti taa’amaa jira

You are currently viewing Mariin Dhimma Misooma Qurxummii biyyoota miseensa IGAD Finfinneetti taa’amaa jira

‎AMN PLUS- Hagayya 06/2017

‎Waltajjii Marii kana irratti bakka bu’oonni biyyoota miseensa Dhaabbata Misooma Biyyoota Afriikaa Bahaa (IGAD) fi bakka bu’oonni dhaabbilee SADC, ECOWAS akkasumas Komishinii Garba Indiyaa dhimma qabeenya fi misooma qurxummii naannawa Baha Afrikaa irrattii marii gaggeessaa jiru.

‎Deetaan Ministiraa Ministeera Qonnaa Fiqiruu Raggaasaa (PhD), Itoophiyaan qabeenyaa fi misooma qurxummii irratti guutuu biyyattiitti haala dhiibbaa hin geessifneen laggeen haroowwan uumamaa misoomsaa jirti jechuun, Hidha Haaromsa Itoopiyaa Guddicha akka fakkeenyaatti eeraniiru.

‎Itoophiyaan sagantaa maaddii guutuu keessatti qurxummii horsiisuun nyaata bu’uuraa lammiilee akka ta’u hojjechaa akka jirtu beeksisaniiru.

‎Mootummaan Itoophiyaa misooma qurxummii kana irratti biyyoota miseensa IGAD fi dhaabbilee biroo waliin hojjechuuf kutannoo akka qabduu fi kan hojjettu ta’uus dubbatan.

‎Naannawa Afrikaa Bahaatti hanga ammaatti waggaa waggaan qurxummii toonii Miiliyoona 1fi Kuma 100 qofatu oomishamee nyaataa fi gabaaf dhiyaachaa akka jiru waltajjiin kanarratti ibsameera.

‎Qabeenyi qurxummii naannawichaa olaanaa ta’us biyyoonni miseensa IGAD qindoominaan waan hin hojjenneef qabeenya kana sadarkaa barbaachisuun fayyadamaa akka hin jirre Qindeessaan Sagantaa Dhaabbata ‘ECOFISH’ Suniil Sunariyaan (PhD) himuu isaanii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply