Sagalee Afrikaa Sadarkaa Idil-addunyaatti dhageessisuuf hojii waloofi qindoomina qabu akka barbaadu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo dubbatan.
Yaa’ii jijjiirama qilleensaa Afrikaa 2ffaa, Finfinneetti adeemsifamaa jiru irratti Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) dabalatee anga’ootni biyyootaa, hooggantootni dhaabbilee idil-addunyaa, imaammata warra baasan, hayyoota, namootni dhiibbaa garaa garaa uumaniifi keessummootni affeeraman biroo yaa’ii kana irratti hirmaataa jiru.
Yaa’ii kanarratti Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ergaa dabarsaniin, waggoota lama dura yaa’iin kun yeroo Keeniyaatti adeemsifamu, Afrikaan qaama furmaata rakkoo kanaa akka taatuuf kutannoodhaan akka hojjattu kallattiin kaa’amuu yaadachiisaniiru.
Afrikaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaan daran miidhamtuu waan taateef rakkoo kana dursanii ittisuuf tooftaa ishee gedderuu akka qabdu ibsaniiru.
Afrikaatti diinagdee jijjiirama qilleensaaf mijataa ta’e ijaaruufi indastirii qonnaa haala qilleensaaf mijataa taasisuuf biyyootni tattaaffii garaa garaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Kana milkeessuufis tumsi idil-addunyaa akka murteessaa ta’e ibsaniiru.
Afrikaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasisaa jirtu sadarkaa idil-addunyaatti dhageessisuuf hojii wal hubachuufi qindoomina qabu hojjachuu akka qabdu yaadachiisan.
“Invastimantiiwwan jijjiirama qilleensaa itti fufiinsaan ittisan haawwachuufi walitti hidhamiinsa daldalaafi invastimantii cimsuu barbaachisa” jedhaniru.