Ijaarsa sirna dimokiraasii biyyoota Afrikaa cimsuuf caalmaatti akka hojjetan Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Alii Mahaammad Yuusuf ibsan.
Guyyaan dimokiraasii Idil addunyaa ”Bulchiinsa milkaa’aa artifishaal intelijensii sadarkaa hundatti mirkaneessuu” mata duree jedhuun kabajameera.
Dura taa’aan Komishiinii Gamtaa Afrikaa Alii Mahaammad Yuusuf guyyicha ilaalchisee ergaa dabarsaniin dimookiraasii, olaantummaa seeraa fi bulchiinsi gaariin nageenya, tasgabbii fi badhaadhina Afrikaaf utubaalee ijoo akka ta’an ibsaniiru.
Dimokiraasiin Afrikaa, filannoo fi bulchiinsa chaarteraa dhaabbilee dimookiraasii cimsuufi hirmaannaa hunda galeessa mirkaneessuuf oolaa jiraachuu yaadachiisan.
Gamtichi biyyootni miseensaa mul’ata dimookiraasii milkeessuuf qabataniifi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf tattaaffii taasisan tumsuu akka itti fufu ibsuu isaa TOI’n gabaaseera.