Tokkummaan yoo dhaabbanne sagalee Afrikaa dhageessisuu ni dandeenya- Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa

You are currently viewing Tokkummaan yoo dhaabbanne sagalee Afrikaa dhageessisuu ni dandeenya- Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa

‎AMN PLUS -Hagayya 28/2017

Tokkummaan yoo dhaabbatan jijjiirama qilleensaa Afrikaaf deebii haqa qabeessa argamsiisuu fi sagalee dhuunfaan dhageessisuu akka danda’amu Dura Taa’aan komishiinii Gamtaa Afiriikaa Maahmuud Alii Yuusuf ibsaniiru.

‎Yaa’ii 2ffaa torban jijjiirama qilleensaa qopheessummaa Itooohiyaatiin giddu gala konveenshinii Idil addunyaatti taa’amu eegaleera.

Afrikaan yaa’ii 2ffaa jijjiirama qilleensaa torban dhufu adeemsisuuf qophiin taasifamuu dura taa’ichi ibsaniru.

jijjiirama qilleensaan qoramaa kan jirtu Afrikaan sagaleen ishee ol-ka’ee akka dhaga’amuufi deebiis akka argatuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa akka ta’e eeran.

‎Ajandaa ariifachiisaa kanaaf tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf yeroon jiru gabaabaa ta’uu kaasuun mikaa’ina isaaf gaheen hooggantootaa murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Dhaloota egereef waadaa galan gara gochaatti jijjiiruun barbaachisaa akka ta’e ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply