Yaa’iin Haala Qilleensaa Afriikaa lammaffaa mata duree “Furmaatilee Haala Qilleensaa Idil addunyaa Si’achiisuu, Misooma Magariisaa Afriikaa Faayinaansiin Deeggaruu” jedhuun Qaammee 3 amma 5 bara 2017 Finfinneetti ni taa’ama.
Mariiwwan yaa’iin duraa taatee Ardii guddichaaf haala mijeessan yaa’ii guddicha dursuun Hagayya 30 amma Qaammee 2 bara 2017tti nigaggeeffama.
Mootummoonni, dhaabbileen, hawaasa siviikii, dargaggoonni, dubartoonni, deeggartoonni misoomaa fi kanneen damee dhuunfaa keessa hojjetan nihirmaatu. Kunis mariin hunda hirmaachisu gaggeessuuf karoora qabameef akka ka’umsaatti kan gargaarudha.
Furmaatilee naannawaa tarsiimoowwan haala qilleensaa Ardii waliin walitti hidhuun haala danda’amurratti nimari’atama.
Mariileen seensaa furmaatileen hawaasarratti xiyyeeffatan olka’anii kan itti dhaga’aman, ajandaan Afriikaa waloon kan itti bocamu akkasumas biyyoonni faayinaansii haala qilleensaa, karoora walsimuu fi guddina fulla’aaf waadaa cimaa kan ittigalan ta’uu odeeffannoon Gamtaa Afriikaa nimul’isa.
Mariin yaa’iin duraa kun torban haala qilleensaa Afriikaa (CW2) waliin kan walitti hidhamedha.
Gabaa kaarboonii, fayyaa fi haala qilleensaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, sirna akeekkachiisa duraa cimsuu, cehumsa teeknooloojii, innoveeshinii magariisa, guddina magariisa, walimiisni imaammattoota jijjiirama haala qilleensaa fi tumsi riijinii ajandaawwan mariin irratti taasifaman keessaayyi.
Yaa’iin muummeen faayinaansii haala qilleensaa, innoveeshinii, gabbisa dandeettii cimaa, hojiirra oolmaa karoora jijjjiirma haala qilleensaa biyyaalessaan walsimee fi ajandaalee marii biroo kan bocu ta’uu gamtichi ibseera.
Walumaa gala yaadonni yaa’iin duraarratti kaafaman yaa’ii haala qilleensaa Afriikaa lammaffaaf bu’aaleen qabatamaa akka galmaa’an bu’ura kan kaa’udha. TOI