Yaa’iin ariifachiisaa Ergama Deeggarsaa fi Tasgabbeessuu Gamtaa Afriikaa har’a taa’ama

You are currently viewing Yaa’iin ariifachiisaa Ergama Deeggarsaa fi Tasgabbeessuu Gamtaa Afriikaa har’a taa’ama

AMN PLUS-Ebla 17/2017

Yaa’iin ariifachiisaa biyyoota humna nagaa kabachiisuu Ergama Deeggarsaa fi Tasgabbeessuu Gamtaa Afriikaaf gumaacha taasisanii har’a Yugaandaatti ni taa’ama.

Barreessaan Olaanaa ‘IGAD’ Warqinaa Gabayyoo (Dr.) yaa’icharratti hirmaachuuf Inteebee dhaqaniiru.

Afriikaa keessumaammoo biyyoonni ollaa Somaaliyaa nageenyi waaraan biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf aarsaa kafaluusaanii ‘IGAD’ ibseera.

Aarsaan kun Somaaliyaa nagaa akka qabaattu kutannoo qabu kan agarsiisu himeera.

Nageenyi Somaaliyaa tasgabbii addunyaaf ijoo ta’uu ‘IGAD’ beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply