‎Hojjettuun sa’aatii hojii dursuun waajjira seentu maaliif hojiirraa ari’amte?

You are currently viewing ‎Hojjettuun sa’aatii hojii dursuun waajjira seentu maaliif hojiirraa ari’amte?

AMN PLUS- Mudde 2/2018

‎Ispeenitti tibbana maal ta’e seetan? Hojjattuun osoo sa’aatiin hojii hin ga’in, waajjira seenti.  Itti gaafatamaan ishee ammoo, “sa’aatiinhoo hin geenye, maaliif yeroo seenuu qabdu dursitee waajjira seentee? Kun gocha sirrii miti” jechuun hojii irraa gaggeesse.

‎Kan baratame sa’aatii hojii dabarsuutu nama adabsiisa malee dursanii seenuun hojiirra  nama ariisisuun haga ammaatti hin beekamu.

‎Tibbana wanti Ispeenitti ta’e faallaa kanaati. Shamarreen sa’aatii hojiin eeyyamamuuf dursitee waajjira seente hogganaa waajjiraatiin  hojiirraa  gaggeeffamterti. Isheenis hogganaashee mana murtii dhaabdeetti.

‎“Sa’aatii hojii eeyyemame dursee seenuun waan gaariidha malee balleessaa miti” jetti. “Inumaayyuu badhaafamuutu naaf mala malee hojii irraa ari’amee hamileen natuqamuu hin qabu”  kan jettu shamarreen kun  mirga isheetif  mana murtiittillee himata dhiyeeffaterti.

‎Shamarreen hojiin ishee meeshaa bakka tokkoo fuudhanii bakka biraatti geessuu “delivery service” hojjattu kun kanaan duras sababaa daftee hojii seentuuf akeekkachiisni akka kennameef Oddity Central gabaaseera.

‎Sa’aatiin itti seenuu qabdu ganama 1:30 irratti yoo ta’u, isheen ammoo daqiiqaa 30 hanga 45 dursuun, 12:45 hanga 1:00tti seenaa akka turte ibsameera.

‎Hojii irraa kan gaggeeffamte, akeekkachiisa danuu booda ta’uu gabaasni kun yaadachiisuun, manni murtii Dhimma Hawaasummaa Magaalaa Alikaanteetti argamu himannaa shamarree kufaa taasisuun isaa namoota baay’ee ajaa’ibsiiseera.

‎Manni murtichaa keeyyata caqasee, “dambii waajjiraa irra darbuun, yeroo malee hojii seenuun ishee akka naamusa badaa hojiif mijaa’aa hin taanetti  ilaalama” jechuun, seera kabajjee hojjachuu dhabuu isheen tarkaanfiin fudhatame sirrii akka ta’e eeree, galmee himataa shamarree kanaa cufeera.

Isin hoo kana irratti maal jettu? Yaada keessan nuuf qoodaa.

Malkaamuu Abbabaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply