Finfinneetti dhiyeessi manaa fi bishaan dhugaatiin bu’aa boonsaa galmeessiteetti

You are currently viewing Finfinneetti dhiyeessi manaa fi bishaan dhugaatiin bu’aa boonsaa galmeessiteetti

AMN PLUS- Amajjii 19/2018

Magaalaa Finfinneetti raawwiin hojii bara 2018 kan ji’oottan jahan darbanii baay’ee fooyya’a akka ta’e ibsameera.

Raawwiin hojii biirooleefi sektaraalee garagaraa kan ilaalamee yoo ta’u, raawwiin hojii Biiroo Misoomafi Bulchiinsa Manneeni, Biiroo Dizaayiniifi Hojiilee Ijaarsa Magaalaa Finfinnee akkasumas Abbaa Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aa sektaroota ilaalaman keessaa isaan muraasa.

Hoggantuun Biiroo Misoomafi Bulchiinsa Manneenii Magaalaa Finfinnee Aadde Qiddisti W/Giyoorgis akka ibsanitti bara 2018 hanga ji’oottan jahaa kanatti baajata mootummaatiin qofa iddoowwan 18titti manneen waliin jireenyaa kuma 24 ijaaramaa akka jiran himaniiru.

Bara kana dhiyeessin mana olaanaadha kan jedhan Aadde Qiddisti, manneen ijaarama jiran qulqullinaafi saffisaan ijaaramaa akka jiranis eeraniiru.

Baajata mootummaa qofan fedhii guddaa mana jireenyaa kana guutuun waan hin danda’amneef dhaabbilee dhunfaas itti hirmaachisuun mootummaa waliin irratti akka hojjetamu taasisaa akka jiranis Aadde Qidisti kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara 2018 kanatti mootummaafi dhaabbilee dhunfaatiin kan ijaaraman manneen jireenyaa kuma 100 ijaaranii jiraattotaaf dabarsanii kennuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

Gama biraatinis walakkaa waggaa kanaatti bishaan meetir kuubii miliyoona 124 irra lafaafi keessa lafaatii dhiyeessuuf kan karoorfame keessaa %87 akka milkeessan Hoji Gaggeessan Abbaa Taayitaa Bishaanifi Dhangala’aa Magaalaa Finfinnee Injinar Zarihun Abaataa ibsaniiru.

Gama fayyaatinis hojiilen baay’een kan hojjetame Magaalaa Finfinnee giddu gala tuurizimii fayyaa taasisuuf bara kana kan durii caalaa hospitaalotaafi buufataalee fayyaa hedduun akka ijaaraman Hoggantuun Biiroo Dizaayiniifi Hojiilee Ijaarsa Magaalaa Finfinnee Ijinar Ayyaalnesh H/maariyaam ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa hospitaalli tokko barbaadu hundaa guutuun hojiileen barana hojjetamaa jiran kan addaa akka ta’es Injinar Ayyaalnesh kaasaniiru.

Walumaa galatti gamaaggama raawwii bara 2018 ji’oottan jahaatiin Magaalaan Finfinnee biirooleefi sektaroota garagaraatiin bu’awwaan boonsan akka galmeeffame ibsaneera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply