Finfinnee Kutaa magaalaa Gullalee Aanaa 4tti qarqara lagaa misoomaa jirutti dhaabbanni balfa dhangala’aa lagatti lakkise qarshii kuma 300 adabuu Abbaan Taayitaa Kabachiisaa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Dhaabbatni Daldala Mana daadhiirratti bobba’e kun irra deddeebiin balfa lagatti gadi lakkisuu isaan akeekkachiisni laatamuufis gocha kana irraa of qusachuu dadhabuun tarkaanfii irratti fudhachuu isaa abbaan taayitichaa beeksiseera.
Warreen labsiifi dambii irra darbanirratti tarkaanfiin fudhatamu cimsee kan itti fufu ta’uu kan ibse abbaan taayitichaa seera darbitoonni gocha isaanii irraa akka of qusata odeeffannoo AMNf ergeen beeksisera.