Oomishaalee korojoowwan pilaastikaa bakka bu’an baay’inaan oomishuun hawaasaaf gatii madaalawaan dhiyeessuun haala danda’aamu irratti mari’atame

You are currently viewing Oomishaalee korojoowwan pilaastikaa bakka bu’an baay’inaan oomishuun hawaasaaf gatii madaalawaan dhiyeessuun haala danda’aamu irratti mari’atame

AMN PLUS- Guraandhala 10/2018

Hojiin Korojoowwan pilaastikaa korojoowwan waraqaafi kanneen biroo irraa oomishamaniin bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hanqina oomishaalee korojoowwan pilaastikaa bakka bu’an irratti mul’achaa jiru hiikuu fi oomishaalee kanneen baay’inaan oomishuun hawaasaaf gatii madaalawaan dhiyeessuun haala danda’aamu irratti Abbaan Taayitichaa dhaabbileefi qaamolee korojoowwan bakka pilaastikaa bu’uu danda’an oomishaan waliin mari’ateera.

Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Didhaa Dirribaa “oomishaaleen pilaastikaa waggoottan hedduuf faayidaa adda addaaf oolaa turan miidhaan isaan dhaqqabsiisan olaanaa waan ta’eef, biyya qulqulluu qilleensa gaarii qabdu qabaachuuf, hojiin oomisha pilaastikaa hambisuun kanneen biroo bakka buusuuf eegalame cimee itti fufa” jedhan.

Qooda fudhattootni oomisha korojoowwan bakka pilaastikaa bu’an irratti bobba’anii jiranis, oomisha gahaafi yeroon barbaadu dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu kaasanii, gatii madaalawaan oomishaalee kanneen dhiyeessuuf walitti hidhamiinsi gabaafi hordoffiin gama mootummaan taasifamu akka qabu ibsaniiru.

Dhumarraattis Obbo Diidhaan Magaalaa Finfinnee keessatti hojirra oolmaa seerichaaf daldaltootnifi hawaasni hirmaannaa isaan taasisaa jiran gaarii ta’uu eeruun, fiixaan ba’umsa hojichaaf qaamoleen hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban dhamaaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessattis balfa yeroo yeroon walitti qaban keessaa qabiyyeen isaa 46% korojoowwan pilaastikaa hawaasni faayidaa adda addaaf itti fayyadamuu ta’uu qorannoon ni mul’isa.

Leensaa Hordofaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply