Guyyaan dubartootaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti kabajamaa jira.

You are currently viewing Guyyaan dubartootaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti kabajamaa jira.

AMN PLUS- Guraandhala 29, 2017

Akka addunyaatti yeroo 114ffaaf, akka Itoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa kan jiru guyyaan dubartootaa sadarkaa Naannoon Oromiyaatti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti bakka hoggantootni naannoofi federaalaa argamanitti kabajamaa jira.

Guyyaa Dubartoota Addunyaa akka naannoo Oromiyaattii mataduree ‘Mirga, Walqixxummaa fi Gahoomina Dubartoota hundaaf!’ jedhuun kabajamaa jiru kanarratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa Dr. Irgooggee Tasfaayee, Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahimaan, Hoggantuu Biiroo Dubarootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaafi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa dabalatee keessummoonni garagaraa argamaniiru.

Bulchaa Nagaraatuu gabaasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply