AMN PLUS- Bitooteessa 06/2017
Hojii nageenyaa qindoominaan Magaalaa Shaggarii fi Finfinneen hojjetamaa jiruun hangi yakkaa yeroo gara yerootti hir’achaa ghufeera Hoggantuun Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa himaniiru.
Waajjira Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Shaggar fi Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee dhimma nageenyaarratti waloon mari’ataa jiru.
Kantiibaa Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo haasawa baniinsaa taasisaniin biyya tokko ijaaruufi badhaadhina waloo mirkaneessuuf nageenyi jiraachuun murteessaadha.
Gaaffiin hawaasni kaasus deebii kan argatu nageenyi yoo jiraate akka ta’e hubachiisuun biiroo bulchiinsa nageenyaafi tasgabbii magaalaa finfinnee waliin ji’oottan darban saddeettan hojii jajjabeessaafi bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu ibsaniiru

Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa gama isaaniin magaalaa shaggar waliin hojii nageenyaa qindoominaan hojjechuu keenyaan hangi yakkaa yeroo yeroo gara yerootti hir’achaa dhufuufi walitti dhufeenyi jiraattota magaalota lameenii yaaddoo nageenyaarra bilisa taasisuun dandaa’ameera jedhan
Qaamoleen qooda fudhattoota nageenya ta’an, magaalaa shaggariiifi Finfinnee irraa hirmaatan haala nageenya magaalota lameenii amansiisaa taasisuun itti fufsiisuun dandaa’amurratti bal’inaan mari’achaa jiru.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase