AMN PLUS- Bitootessa 8/2017
Mootummaan diploomaasii lammiilee irraatti xiyyeeffatee socho’uun lammileen Itoophiyaa 53 Biyya Maayinaamar keessatti haalaa mijata hintaane keessa turan gara biyyaatti deebisuun danda’ameera.
Lammileen Itoophiyaa kunneen ukkafamuu Maayinaamaarii keessa bahuun Taayilanditti mooraa raaraa keessa kan turan yoo ta’u Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin ta’uun gara biyyaatti deebisuun danda’ameera.
Hanga ammaa Maayimaaritti lammileen ukkamsa jala turan bahuun Taayilanditti mooraa raaraa biyyaatii keessa turan marsaa tokkoffaa fi lammaffan namoonii 130 ta’an gara biyyaatti deebisuu danda’auun ifoomeera.
Mootummaan gama isaatiin hawaasni olola sobaa daldaltoota namaatiin gowwoomfamee gara biyyoota waliigalteen hojii itti hin raawwatamnetti imaluu irraa akka of qusatu dhaamsa dabarsuu isaa Ministeera Dhimma Alaa irraa odeeffanne.