Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramuuf appilikeeshiniin maallaqa walitti qabuuf gargaaru ifoomeera.
Appilikeeshinichi kan ijaarame waliigaltee Tajaajila Daayaaspooraa Itoophiyaa fi dhaabbata ’Fast Payʼ ta’uun himameera.
Appilikeeshinichi tataaffi galii walitti qabuu akka guddisu abdii qabaachuu isaanii Daarektarri Jeneraalaa Tajaajila Daayaaspooraa Itoophiyaa Fitsum Araggaa abdii qaban ibsaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Itoophiyaa harka 98 irra kan gahe yoo ta’u, ijaarsicha xumuruuf deeggarsi maallaqaa cimee itti fufee jiraachuu isaa Waajjira qindeessa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarraa odeeffanne.