Dhaloota sababatti amanuu fi dhiibbaa uumuu danda’uu horachuu keessatti dhaabbileen barnootaa itti gaafatamummaa guddaa qabu- H/Yesuus Taayyee (Dr.)

You are currently viewing Dhaloota sababatti amanuu fi dhiibbaa uumuu danda’uu horachuu keessatti dhaabbileen barnootaa itti gaafatamummaa guddaa qabu- H/Yesuus Taayyee (Dr.)

AMN PLUS- Ebla 21/2017

Dhaloota sababatti amanuu fi dhiibbaa uumuu danda’uu horachuu keessatti dhaabbileen barnootaa itti gaafatamummaa guddaa akka qaban Daayireektarri Olaanaan Giddugala leenjii Heera Mootummaa fi Sirna Feederaalizimii H/Yesuus Taayyee (Dr.) dubbatan.

Dhaabbileen barnoota hawwasa keessatti dhaabilee dhiibbaa uumuunii utubaa biyyaa waan ta’aniif dhaloota rakkoolee mudatan mariin hiikan qopheessuu akka qaban daayireektarri olaanaan giddu galicha ibsaniruu.

Giddugalli Barnoota Heera Mootummaafi Sirna Feederaalizimii maalummaa federaalizimii, federaalizimii sab-daneessaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa irratti leenjii leenjistootaa qooheesse hoggansa barnootaa, barsiisotaa fi ogeessotaa barnootaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa biyyattii irraa walitti baba’aniif kennaa Jira.

Leenjicharratti waraqaan qorannoo yaada rimee maalummaa feederaalizimii fi ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dhaabbilee barnootaa irratti xiyyeeffate dhiyaatee mariin adeemsifameera.

Leenjiin qophaa’e Kunis har’a dabalatee guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uu hubachuun danda’ameera.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply