Dorgommii miidhagina addunyaa Indiyaa Hayidiraabaaditti qophaa’e irratti Itoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatte Hasset Darejjee bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa argamanitti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti simannaa ho’aan taasifameeraaf.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyu Baayyee, Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Nafiisaa Almahaadii, Hooggantuun Biiroo Aadaa, og-artiifi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaa (Dr.) sadarkaa idil addunyaatti 2ffaa, Afrikaa irra immoo 1ffaa qabatee kan xumurte Hasset Darajjee simataniiru.