Xayyaarri Indiyaa imaltoota 200 oli fe’ee imalaa ture kufee caccabuunsaa himameera.
Xayyaarichi Indiyaarraa ka’uun gara Landanitti osoo balali’uuf yaalaa jiruu osoo hin fagaatin kufee caccabuunsaa himameera.
Xayyaarri lakkoofsi balaliisaa AI171 ta’e namoota 242 fe’ee akka tures Aljaziiraan gabaaseera.
Xayyaarichi Indiyaarraa ka’uun Landan buufata xayyaaraa Gaatwiik qubachuuf imalaa ture.
Balaa xayyaaraa uume irrattis qorannoon eegalamuun himameera.
Wandimmaagany Asaffaan