Guyyaan yaadannoo wareegamuu Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa waggaa 5ffaan Waxabajjii 22 gaggeeffama.

You are currently viewing Guyyaan yaadannoo wareegamuu Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa waggaa 5ffaan Waxabajjii 22 gaggeeffama.

AMN PLUS Waxabajjii 05/2017

Guyyaa yaadannoo wareegamuu Artiisti Haacaaluu Hundeessaa waggaa 5ffaa sirnoota garaagaraan yaadachuuf hojjechaa jiraachuu faawundeeshiniin artiistichaa ibseera.

Umrii gabaabaa jiraate keessatti ashaaraa gurguddaa keewwatee lubbuun kan darbe Artiisti Haacaaluun ilma sabaati.

Faawundeeshiniin artiistichaas goota sagalee kilooleefi namooma qabu artiisticha yaadachuuf kan hundeeffame yoo tahu kennata artiisti

Haacaaluun yeroo lubbuun jiru hojjete itti fufsiisuuf hundeeffame.

Hooggantuun faawundeeshinii artiisti Haacaaluufi haati warraa artiistichaa Aadde Faantuu Damisee guyyaa yaadannoo wareegamuu Artiisti

Haacaaluu waggaa 5ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin Waxabajjii 22 sirnoota garaagaraan akka yaadatamu hubachiisaniiru.

Kaayyoon guyyicha waggaa waggaan yaadachuus artiistoota lafaa dhufoo jajjabeessuun faana gootumaa aartii artiisti Haacaaluu Hundeessaa hordofuun akka itti fufsiisaniif tahuun ibsameera.

Sirnootni guyyaan yaadannoo wareegamuu artiistichaa ittiin yaadatamus sirba dabalatee

gosootni aartii garaagaraa 11 kan dorgomsiifaman tahuun himameera.

Kunis sirboota Bitootessa 22/2016-Bitootessaa 21/2017 tti sirbaman kan of-keessatti haammatu yoo tahu hanga ammaatti albemoota shan dabalatee sirbootni 300 ta’an Yuutubiifi karaa biroon walitti qabamuunis ibsameera.

Ulaagaa kaahameen kanneen aartiin hojii gaarii hojjetan adda baasanii badhaasuuf qaphxiin 90% ogeeyyiin, kan hafe 10% sagalee uummataan akka murtaa’u ibsameera.

Zallaqaa Oljiraati Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply