Xiyyaarri Indiyaa Imaltoota 242 fe’ee kutaa Kaaba Lixaa Indiyaa Buufata Xiyyaaraa Magaalaa Ahimadaabaad irraa gara Landan Gatwik deemuuf akkuma ka’een boqonnaa Ogeeyyota waldhaansaa Hoospitaala naannawichatti argamurratti kufeera.
Xuyyaara Booying 787-8 Diriimarlaayinar Lammiilee Indiyaa 169, Lammiilee Biriitaaniyaa 53, Lammiilee Poorchugaali 7 fi Lammii Kaanaadaa 1 qabatee akka ture himameera.
Namoota balaarraa hafan argachuuf carraan jiru dhiphaa ta’uu Hoogganaan Poolisii Ahimadaabaad Asoosheetid Pireesiif Ibsee ture.
Haata’uutii odeeffannoo galgala kana baheen lammummaa Indiyaa fi Biriitaaniyaa kan qabu Umuriinsaa 40 kan ta’e Shiishwaash Kumaar Raameesh balaa kanarraa hafuunsaa himameera.
Hanga ammaatti reeffi namoota 204 argameera.
Qaamni xiyyaaraa bakka aara galfii Ogeeyyota Waldhaansaa Irra kufee yoo xiqqaate barattoonni waldhaansaa Shan du’anii, 50 kan ta’an miidhamuun Ibsameera.
Ministirri Muummee Indiyaa Narendiraa Moodii ergaa ibsa gaddaa fuula ‘X’ isaanii irratti dabarsaniin balaan kun kan jedhamuu olitti onnee namaa kan cabsudha jechuun ibsaniiru.
Kanneen balaa kanaan miidhaman hundaaf gadda Itti dhagahame Ibsuun jajjabina hawaniiruuf.TOI