Minsitirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Ogeessota miidiyaa dhaabbilee Miidiyaa Uummataa fi dhuunfarraa walitti dhufan waliin mari’achuu ibsan

You are currently viewing Minsitirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Ogeessota miidiyaa dhaabbilee Miidiyaa Uummataa fi dhuunfarraa walitti dhufan waliin mari’achuu ibsan

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanin dabarsaniin Ogeessota miidiyaa dhaabbilee Miidiyaa uummataa fi dhuunfaarraa walitti dhufan waliin mari’achuu ibsaniiru.

Mariin kunis mariiwwan qooda fudhatoota waliin taasifame ture keessaa isa xumuraa ta’uu himan.

Maricharrattis dhimmoonni indaastirii waliin walqabataniifi qormaatawwan jiran gadi fageenyaan ilaalamaniiru jedhan.

Hojiiwwan misoomaa Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran uummata beeksisuu, marii gabbisuu akkasumas tarkaanfii guddina biyyaalessaa utubuu keessatti miidiyaaleen gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply