Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo Beektuu?

You are currently viewing Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo Beektuu?

Gadaan Sirna siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa Ummanni Oromoo ittiin walbulchaa tureedha.

Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaata dimookraatawa hawaasni martii haala walqixxummaa qabuun keessatti qooda fudhataniidha.

Sirni Gadaa Ummata Oromoo gosaan yookiin gitaan osoo gargar hin baasiin, Gadaa shanitti gurmeesse akka dabareen walbulchan kan taasiseedha.

Gadaan, Ummanni Oromoo Gadaa shanan jalatti gurmaahee dabaree darbuun(buusuun) wagga saddet saddeetiin kan ittiin walbulchuudha.

Gadaan Sirna waan mara ofkeessatti qabuufi jireenya Oromoo kallatti maraan sakkata’uudha.

Gadaa jechuun jilaafi godaanuu qofa miti,yookiin buttaa qaluufi nyaachisu qofa osoo hin taane Gadaa keessatti aadaa jaarmiyaalee akka Guddisaa, Gumaa, Araara, Meedhicha,

Rakoo,Waaqeefannaa, Irreessa, Siiqqee, Marabbaafi kanneen biroo hedduutu jira.

Duudhaalee Sirna Gadaa:

1.Waaqeeffachuu:seeroota jajjaboo amantii waaqeeffanna keessa tokko kan tahe dhuunfanis tahee gamtaadhaan kan raawwatamu, sirna aarsaa,kadhaafi galataati.

2.Laguu: jechuun waan hojjetamuufi nyaatamuu hin qabne irraa ofittisuudha.

Innis lubbuu namaa balleessuu,

hatuu,sobuufi ragaa sobaafi waan saalfii tahe raawwachuu dhiisuudha.

3.Hooda:waan badduu dubbachuuf, arrabarratti namatti ulfaatu jechurraa of qusachuu jechuu yoo tahu,Ulfinaaf Oromoon maqaa biraatiin walyaama.

Fakkeenyaaf bakakkaan yoo manatti bu’ee gube, akkuma jiruun jecha kana yaamuun waan hoodatamuuf, bishaan jala yaa’e jedhama.

4.Safuu:Ijooleen warra isaaniif, quxusuun angafaaf,dargagaggoonni maanguddotaaf, akkasumas hayyotaafi Shammaran Bokkuu,Kallacha,Calleefi Caaccuun, Siqqeefi Alangeen kabajaafi ulfina qabu.

5.Naamusa: adaba ykn amala gaarii ittiin bulmaanni Sirni Gadaa of keessatti qabuufi haala gaarii Ummanni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti ofii waliin jiraachuu,hawaasaa biraafi uumama waaqayyoo waliin jiraachuuf dirqama heeraafi seeraa Oromoo keessa jiruudha.

6.Nageenya:Sirni Gadaa Oromoo bu’uraa dimokraasiifi bulchinsa gaarii waan taheef, nageenyi wabii jireenyaati waan jedhu waan qabuuf akka duudhaa waan cimaa tokkotti fudhachuun iddoo guddaa kennaaf.

Sirni Gadaa mallattoo nageenyaa qofa otoo hin tayiin, mataa isaatiin nagaya.

Ummanni Oromoo aadaa isaa keessatti waan hunda dura nagayaaf dura kenna.

Walumaagalatti Sini Gadaa Oromoo mallattoo ykn fakkeenya duudhaalee armaan gadii of keessatti hammata:

√ Mallattoo walqixxumaati.

√ Fakkeenya walkabajuufi waldandahuuti.

√ Mallattoo tokkumaati.

√ Bu’ura walgargaarsaafi walii dirmachuuti.

√ Wiirtuu araaraafi nagiyaati.

√ Waltajjii aadaa waljijjiraniifi walirraa itti baraniidha.

Maddi:- Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaati.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply