Duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa boruu Waxabajji 24/2017 Naannoo Oromiyaatti akka eegalu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara kanaa dhaadannoo “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu akka eegalu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Naannichatti qophii ashaaraa magariisaaf taasifamaa tureen,buufatalee biqiltuu kuma 38 keessatti biqiltuun biiliyoonni 5.2 kan qophaa’e yoo ta’u, kana keessaa biqiltuun biiliyoonni 5 dhaabbiif qaqqabuu Obbo Geetuun ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 40 biqiltuu bosonaa,dhibbeentaan 10 biqiltuuwwan nyaataaf oolaniidha fi dhibbeentaan 30 biqiltuuwwan tajaajila garaagaraaf oolan yoo ta’u dhibbeentaan 20 ammoo nyaata beelladootaaf kan oolan ta’a.
Duula ashaaraa magariisaa oromiyaatti guyyaa boruu eegalamuun,ganna kana waliigala naannichatti lafa hektaara miiliyoona 1.1 irratti biqiltuun kan dhaabatu ta’a,uummanni miiliyoona 15.9 duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa kana irratti ni hirmaatuun eegama.
Naannoo Oromiyaatti sosochiin duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2011 kan eegalame yoo ta’u, waggoottan 6’n darbanitti naannichatti biqiltuuwwan faayyidaa garaagaraaf oolan biiliyoonni 23.5 ol lafa hektaara miiliyoona 6.8 irra dhaabbachuu Obbo Geetuun himanii, biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 88 latuu himaniiru.
Kanaanis uwwisni bosonaa Naannoo Oromiyaa bara 2011 dura dhibbeentaa 18 ture, dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaatiin booda gara dhibbeentaa 29’tti ol guddachuu Obbo Geetuun ibsaniiru.
Duula Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa borii eegalu irratti uummanni waloon bahanii dhaabbii biqiltuu irratti akka hirmaatan Obbo Geetuun waamicha dhiheessaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.