Qorannoon raawwii hojii mootummaafi paartii bara 2017 Naannoo Oromiyaa bakka Pirezidaant Shimallis Abdiisaafi hoggantootni naannichaa olaanoon argamanitti eegalameera.
Waltajjicha kan saaqan Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa bara bajataa xumurametti hojiiwwan abdii horan hedduun kan itti hojjetamanidha jedhan.
Caaseeffamni gandaa haaraan hojiitti hiikamuun milkaa’ina guddaa baricha galmaa’e ta’uus dubbatan.
Hanqinootaafi harcaatiiwwan bara 2017 mudatan hiikuun karoora xiiqii qabame milkeessuuf hojjechuun murteessaadhaas dhaamaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase