Donaald Tiraamp ragaalee ajjeechaa Marti Luutar Kiingiitiin Wal qabatan ifoomsan.

You are currently viewing Donaald Tiraamp ragaalee ajjeechaa Marti Luutar Kiingiitiin Wal qabatan ifoomsan.

AMN PLUS- Adoolessa 15/2017

Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ragaalee icciitii turan kan ajjeechaa qabsaa’aa Mirga dhala namaa Martin Luutar Kiingiitiin wal qabatan Lammiileef ifa taasisan.

Martin Luutar Kiing akka Faranjootaatti bara 1968 Umrii isaanii 39 Magaalaa Meemfisiitti rasaasaan ajjeefamuun haqni isaanii dhokatee waggoota laakkofsiseera.

Ragaaleen ajjeechaa Marti Luutar Kiingiitiin Wal qabatan kan Fuulaan Kuma 200 fi 30 ta’an Mana Murtii Ameerikaatiin Lammiilee Jala dhokfamanii turan hawaasaa ifoomsuuf Yeroo duula filannoo gaggeessa turanitti kan dubbatan Donaald Tiraamp ragaalee kanneen ifoomsuun garee tokko gammachiisuun,garee biraa immoo dallansiisaniiru.

Ijoolleen Martin Luutar Kiing lamaan tattaaffii ashaaraa abbaa Keenya karaa hin taanee tamsaasuuf taasifaman Kamiiyyuu ni balaaleffatan jedhanii, ragaalee kunneen Karaa haqaafi dhugaa isaa baasuun akka dhiyaatus gaafataniiru.

Maatiin Martin Luutar tokko tokko garuu ragaalee dhiyaatan kan tumsan ta’uu ibsameera.

Martin Luutar Kiing ajjessuun kan himataman Jeems Eerlii Reey murtiin hidhaa waggaa 99 itti murtaa’e bara 1998 waggaa 70ffaatti du’aan addunyaarra boqotan.

Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ragaalee ajjeechaa Marti Luutar Kiingiifi Pirezdaantii Ameerikaa 35ffaa John .F. Kennedy akka ifoomsan dubbatanii turuun ni yaadatamaa.

Aljazerafi BBC’tu gabaase

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply