Ummanni tokkummaan bahee sagantaa ashaaraa magariisaa boruu irratti akka hirmaatan Abbootiin Amantaa waamicha dhiyeessan

You are currently viewing Ummanni tokkummaan bahee sagantaa ashaaraa magariisaa boruu irratti akka hirmaatan Abbootiin Amantaa waamicha dhiyeessan

‎AMN PLUS- Adoolessa 23/2017

‎Sagantaa ashaaraa magarisaa kutaalee biyyaa hunda keessatti guyyaa tokkotti biqiltoota miliyoo 700 mata-duree ‘dhaabuun bayyanachuudha’ jedhun raawwatamu irratti umanni dammaaqinaan akka hirmaataniif abbootiin amantaa waamicha dhiyeessaniiru.

‎Biqiltootaafi biqiltoota midhaan nyaataa kununsuun jidhinsa itti fufsisuun yaadannoo abboota keenyaarra dhaalle agarsiisa jedhan Mana Amantaa Ortoodoksii Tawahidoo Itoophiyaatti phaphaasin Lallaabaa Abunaa Hiryaaqoos.

‎Waadan uumaa keenyaarraa fuune biqiltootaafi bineeldoota kununsuun mana waloo dachee haa eegnu kan jedhu ta’u Hoogganaan Mana Amantaa Kaatooliikii Aabba Pheexiroos Bargaa himaniiru.

‎Waaqayyoo dhala namaa lafa qulqulluu keessa yoo jiraachisu akka eeganiifi kununsan ta’u Hoogganaa ol’aanaan Mana Mare Amntoota Wangeel Itoophiyaa Qees Darajjee Janbaruu ibsaniiru.

‎Naannoo keenya jijjiiru, midhagsuufi magarisa taasisuun eebba waaqaarraa nuf kenname ta’u Hooganaan Mana Amantaa Adiventistii Paastar Tasammaa Dassaaleny dubbataniiru.

‎Abbootiin amantii hunduu sagantaa ashaaraa magarisaa boru guyyaa tokkotti raawwatamu hawaasni hundi xiyyeeffanaan akka hirmaatan dhaamaniru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply