Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Sikkeet Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Dhaaban.

You are currently viewing Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Sikkeet Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Dhaaban.

AMN Adoolessa 24/2017

‎Hoggantoonni fi hojjettoonni Baankii Sikkeet sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa mata-dure “Dhaabuun bayyanachuu” jedhuun adeemsifamaa jiru irratti biqiltuuwwan garaa garaa biyya keessa dhaaban.

‎Hoji Gaggeessaan Baankichaa Daamxoo Alamaayyoo saganticha irratti ergaa dabarsaniin, Baankiin Sikkeet dhaabbilee faayinaansii waggoota darban keessatti guddina misooma biyya keenyaa shoora olaanaa taphataa turan keessaa tokko tahuu himuun, sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuu keessattis gahee hawaasummaa isaa dhaabbata faayinaansii bahataa turee fi ammas bahataa jiru tahuu odeeffannoo AMN’f ergeen ibseera.

‎Baankichi sagantaa ashaaraa magariisaa biyyattii keessatti gumaacha olaanaa taasisuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa turee fi ammas ba’aa jiru ta’uu baankichi ibsa ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply