Haaduu lapheetti baatee, akkamumatti jiraate?

You are currently viewing Haaduu lapheetti baatee, akkamumatti jiraate?

AMN PLUS- Hagayya 9/ 2017

Dubbichi akkasi. Lammiin Taanzaaniyaa, ga’eessa waggaa 44 ta’e tokko torban tokko dura gara Hospitaala Muhimbiilii jedhamuu deema. Lapheen isaa gara mirgaa dhangala’aa qabaachuun isaa yaaddoo itti uumeera.

Miirri dhukkubbii tokkollee dhabamuun isaa ammoo kan daran isa yaaddesse akka ta’e  maddi odeeffannoo kanaa eereera.

 Ogeessotni fayyaa qorannoo salphaa taasisaniin ka’umsa dhangala’aa laphee isaa gara mirgaarratti argamu bira ga’uu hin dandeenye.  Kanaafuu, qorannoo dabalataaf raajii ykn X-ray akka ka’uuf gara kutaa laaboraatoriitti ergan.

Innis yaalii isaa xumuree tasgabbaa’ee, waraqaa bu’aa qorannoo isaaf barreeffame fudhatee gara ogeessota isa ajajaniitti deebi’a. Yeroo dubbisan miira naasuun guutamanii, irra deddeebi’anii bu’aa qorannoo kana ilaalan.

Sirriidhuma, suurri raajii kaasamee ergameef, laphee nama kanaa keessatti waan qara qabu agarsiisa. Haaduudha. “Haaduu lapheetti baatee, akkamumatti jiraate” jedhanii miira naasuufi ajaa’ibsiifannaan guutameen atattamaan gara yaalii isa itti aanuutti seenan.

Lammiin Taanzaaniyaa kun waan waggoota 8 dura isa mudate itti hime. Wal dhabdee hamaa namoota biroo waliin keessa seenee tureen haaduudhaan bakka garaa garaa waraanamee gara dhaabbata fayyaa naannoo isaa jiruutti goree ture.

Haa ta’u malee, meeshaa yaala fayyaa hanganatti ittiin isa ilaalan waan hin qabneef akkasumatti qulqulleessanii madaa isaa qoorsanii isa gaggeessan. Innis biyyi naguma jedhee jireenya isaa itti fufe.

Dhukkubbiis waan hin qabneef haaduu laphee isaa keessatti baatee waan  jooraa ture ittin fakkaanne. Dhangala’aan laphee isaa irraa gama mirgaan dhangala’ullee, haaduun sun qaama isaa miidhee osoon taane, naannawa haaduu sanatti wanta uumame ta’uu beeksisan, ogeessotni fayyaa isa yaalan.

Waggaa 8 dura haaduu ittiin waraanamee,laphee isaa keessatti dhiisameefi yaaliidhaanis hin argamne, baqaqsanii yaaluun erga keessaa baasan booda, guyyoota 10 hospitaalichumatti ciibsanii yaalanii, amma akka gara mana isaatti deebi’u eyyemuu isaanii toora odeeffannoo UPI jedhamutu gabaase.

UPI, haalli nama waggaa 8 guutuu haaduu laphee keessatti baatee, dhukkubbii tokko malee lubbuun jiraate, isaan dinqisiisnaan, barruu “National Library of Medicine” jedhamu irratti maxxansuu isaaniis beeksiseera.

Malkaamuu Abbabaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply