Daldaltoota sababa malee gatii dabalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama – Komishinii Siivil Sarviisii

You are currently viewing Daldaltoota sababa malee gatii dabalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama – Komishinii Siivil Sarviisii

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

‎Fooyya’iinsa miindaa taasifame hordofuun daldaltoota daballii gatii taasisuuf yaalan irratti mootummaan tarkaanfiin cimaa fudhachuuf ajaja akka dabarse Komishiniin Siivil Sarvizii beeksise.

‎Fulbaana bara 2018 irraa eegalee daballiin miindaa hojjettoota mootummaa hojiirra akka oolu Komishinii Siivil Sarviisii fi Ministeera Maallaqaa irraa beekuun danda’ameera.

‎Daballiin miindaa kun dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hojjettoota mootummaarraa xiqqeessuuf kan hojjetame yoo ta’u, daldaltoota sababa malee gatii dabalan irrattis tarkaanfiin seeraan cimaa ta’e akka fudhatamu mootummaan murtoo dabarsuu himameera.

‎Komishinarri Komishinii Siivil Sarviisii Federaalaa Makuriyaa Haayilee (Dr.) hawaasni daldalaa harki caalaan imaammataa fi qajeelfama mootummaan baase akka deeggaraa jiru beeksisan.

‎Daballii miindaa kanaaf baajata dabalataa Birrii Biiliyoona 100 fi Biiliyoona 60 ol mootummaan kan baasufi jireenya hojjettoota mootummaa fooyyessuuf dursi kennamuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

‎Fooyya’iinsi miindaa kun hojjettoonni mootummaa hojii isaanii sirnaan raawwachuu fi tajaajila gahaa fi ariifataa kennuudhaan itti gaafatamummaa isaanii dachaan akka ba’an kan dandeessisudha jedhan, Komishinarichi.

‎Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalan mootummaan ciminaan hordofuun tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu qajeelfamni kennamuusaa Komishinichi beeksisuu isaanii gabaasameera

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply