Pirojektiin misooma qarqara laga Finfinnee akkuma Misooma Ashaaraa Magariisaa Afriikaanotaaf mallattoo fi fakkeenya ta’uu akka danda’u Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr) ibsan.
Dr. Abiyyi Ahimad kitaaba “Mootummaa Ida’amuu” jedhu barreessan ilaalchisuun yaada kennaniin, misoomni akkasii mul’ata waloo Mootummaa ida’amuu fi ummata jidduu jiruun kan ijaaraman ta’uu eeraniiru.
Inxooxxoo irraa kaasee Shiroo Meedaattu misoomni qe’ee san jijjiire suuqiiwwan daldalaa haaraa 700 ol akka gumaache eeruun kunis namoota hedduuf carraa hojii akka bane dubbataniiru.
Misoomni qarqara lagaa Afriikaanota hundaaf akkuma ashaaraa magariisaa mallattoo fi fakkeenya ta’uu kan danda’udha jedhaniiru.
Misoomni kooriidarii hojii uumuu, biyya jijjiiruu akkasumas fayyummaa ummataa mirkaneessuu akka danda’e dubbataniiru.
Misoomni kooriidarii Afrikaaf fakkeenya akka ta’e agarsiisuun isaa hooggantoonni Afrikaa jila erguun muuxannoon irraa fudhatamaa jiraachuun isaanii akka ta’ellee ibsan.
Misoomni kooriidarii hojii fakkeenya guddaa ta’ee biyyoota hedduuf kan tajaajilu, ashaaraan dhaloonni ida’amuu kaa’e, kan hin raafamnee fi hojii boonsaa ta’uu isaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin