Faayidaa Biyyaalessaa eegsisuuf adeemsa ijaarsa dhaabbilee calmaan cimsuu barbaachisa- Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Faayidaa Biyyaalessaa eegsisuuf adeemsa ijaarsa dhaabbilee calmaan cimsuu barbaachisa- Obbo Adam Faaraah

AMN PLUS- Hagayya 17, 2017

Leenjiin Hoggantoota olaanoo dhaabbilee Federaalaaf kennamaa ture xumurameera.

Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf ijaarsi dhaabbilee cimuu qaba.

Dhaabbilee hunda keessatti qulqullina tajaajilaa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachiisaadha jedhan.

Faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf walitti dhufeenyi jiru ilaalchaa walqixaa fi imalchiisaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbilee hirmachiisoo ijaaruuf hojiilee riifoormii cimsuun gaaffii bulchiinsa gaarii deeebisuuf miiraa itti gaafatamummaan hojjechuun murteessa ta’uu kaasaniiru.

Tokkummaa keessoo paartii, ciminaa fi qulqullina paartichaa mirkaneessuun ajandaalee qoodiinsaa irratti qabsa’uun akka barbaachisu kaasaniiru.

Dhaabbileen Seneessa walootti fayyadamuun rakkoolee keessoo sakkata’uun karooran hogganamuun itti gaafatamummaa fakkenyummaa gaariin bahachuu qabu jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply