Dargaggoon Olivar Eelves jedhama. Lammii Ingiliz yoo ta’u konkolaaachisaa baaburaati. Jalqaba jireenyi isaa kan gammachuun guutame ture.
Haa ta’u malee, waggaa lama dura hojiidhaa dadhabee manatti galee yeroo galgala hirribni akka isa fudhatuuf yaalu, tasumaa itti dhufuu dide. Hirribni galgala kana isa dide garuu waggaa lamaaf akka irraa fagaatu tasumaa yaadee hin beeku.
Olivar waggoota lamaan kana haala keessa darbe yoo yaadatu, “Akkuma nama qaama ibiddaan gubata jiru keessa jiraachuutti natti dhaga’ama” jedheera. Dargaggoon kun yaalamee rakkoo isaa kanarraa bayyanachuudhaaf tattaafatus, ogeessota fayyaa hedduu bira dhaqus, qabeenya isaa dhangalaasee, “maaloo hirriba guyyaa tokkoollee” jedhee kadhatus, madda rakkoosaas ta’e furmaatasaa hin arganne.
Manaafi qabeenya isaa sababaa yaliif gurguree fixuun, kunoo amma mana maatii isaa waliin jiraachaa jira. Hindii, Xaaliyaanii, Turkiyeefi Kolombiyaa, qoricha aadaa barbaacha biyyi inni keessa hin joorre hin jiru.
Dhibeen isaa hammaachuun gidiraa keessa akka isa galche dargaggoon dubbatu Olivar, sababaa hirriba hin rafneef danda’eellee ol jedhee hin deemu. Sochiin qaamaa isa rakkisa. Ijni isaa sirriitti hin ilaalu. Buusaan qaama isaa marti isa dhukkuba.
Namoota daandiirra hirriba nagaa rafan yoon argu akka itti inaafu kan dubbatu Olivar, “Hirriba argachuuf qabeenya harkakoorratti hafe hundumaayyuu kennuudhaaf qophaa’adha” jechuunis dubbataeera. Ogeessotni fayyaa hirriba irratti qorannoofi qo’annoo hojjatan, rakkoo isaa kanaaf fala akka barbaadaniif waamicha dhiyeessuu isaa Daily Mail’tu gabaase.
Malkaamuu Abbabaatiin