‎Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa bor ifooma- Ministeera Barnootaa

You are currently viewing ‎Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa bor ifooma- Ministeera Barnootaa

‎AMN PLUS -Fulbaana 3/2018

‎Qabxiin barattootaa kutaa 12ffaa bara darbe qormaata biyyoolessaa fudhatanii bor akka ifoomu Ministeerri Barnootaa beeksise.

‎Kana ilaalchisee guyyaa borii sa’a 10 irraa eegalee miidiyaaleef ibsi ni kennama.

‎Bara barnootaa 2017 qormaanni xumuraa kutaa 12ffaa waxabajjii 23 hanga adoolessa 8/2017tti kennamuun isaa ni yaadatama.

‎Saayinsii uumamaatii fi saayinsii hawaasummaan waliigala barattootni kumi 608 fi 742 galmaa’anii kuma 581fi 905 qormaata fudhachuu TOI’n gabaaseera.

‎Kanneen qoraman keessaa barattoonni kumi 134fi 828 oonlaayiniitiin kan qoraman yeroo ta’u warri hafan waraqaan kan qoramanidha.

‎Qormaatichi naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti giddu galeessa qormaataa qophaa’anitti gama oonlaayiniitiin marsaa afuriin akkasumas waraqaadhaan marsaa lamaan kennamuun isaa ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply