Ijaarsi Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Guddicha Bishooftuu jalqabamuufi- Daandii Qilleensa Itoophiyaa

You are currently viewing Ijaarsi Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Guddicha Bishooftuu jalqabamuufi- Daandii Qilleensa Itoophiyaa

AMN PLUS- Fulbaana 6/2018

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa guddicha Bishooftuutti ijaarsisuuf karoorse har’a eegalamuu isaa beeksise.

Caasaa ijaarsichaa, tarsiimoo faayinaansii, haala deebii yeroo balaa akkasumas gahee qaamolee qooda fudhattootaa ilaalchisee hirmaattota pirojektichaaf hubannoo uumuuf guyyaa lamaan kanatti sagantaan agarsiisa pirojektii qophaa’uu isaa beekameera.

Sagantaan kunis bakka Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawufi anga’ootni daandii xiyyaara Itoophiyaa biro akkasumas bakka bu’ootni faayinaansii, invastarootaafi qaamoleen biro bakka argamanitti Hoteela Iskaayi Laayitiitti adeemsifamaa jira.

Mootummaanis pirojektichaaf deeggarsa walitti fufiinsa qabu taasisuu kaasanii, Koreen biyyaalessaa pirojektii kana hordofu Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin hundaa’ee gara hojiitti galuus dubbataniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Abuuseeraan Afrikaa addunyaa waliin walitti hidhuuf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, daandiin Qilleensichaa dhaabbata aviyeeshinii ibsituu Paan Afrikaa ta’edha jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply