Bu’aan qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa seensa Yuunivarsitii Kaleessa ifoomeera.
Gaafa Fulbaana 4/2018 ibsa Ministeerri Barnootaa kenneen Qabxiin Olaanaan Dhiirotaa Saayinsii Uumamaan 591 Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa irraa ta’uufi Shamarranii ammoo Mana Barnootaa Bisraata Gabreel irraa 579 galmaa’uu ifoomsee ture.
Haaluma kanaan barataa Kaaliid Bashir qabxii 591’n Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa irraa, akkasumas Shamarraniin ammoo Hayimaanoot Yohaannis qabxii 579’n Bisraata Gabreel irraa ta’uu gabaasnee turre.
Hata’u malee Barattuun Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Borii Dodolaa Gannat Margaa Gishuu qabxii 579 fiduun walqixa 1ffaa ta’uu ishee odeeffannoon nu dhaqqabe.

Odeeffannoo kana bu’uureffachuun Daayirektara Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Borii Dodolaa Obbo Deettuu Diboorraa akka qorannetti, dhuguma Barattuu Gannat Margaa Gishuu Saayinsii Uumamaan qabxii 579 fiduu nuuf mirkaneessaniiru.
Akka biyyaatti, qabxiin wal fakkaatu lama waan jiruuf barattoota lamaaniifuu beekamtii kennuun barbaachisaa ta’uu isaa kan himan Obbo Deettuun, kanas Ministeera Barnootaafi Biiroo Barnootaa Oromiyaaf beeksisuu AMN Digital’tti himaniiru.
Deebii “Ni sirreeffama, obsaan eegaa” jedhu akka argatanis Obbo Deettuun dubbataniiru.
AMN Digital qabxiin Gannat Margaa Gishuu 579 ta’uu ragaa argateen mirkaneeffateera.
Gosa Barnootaa Herreegaa 100, Fiiziksii 100, Bayoloojii 98, Afaan Ingilizii 95, Keemistirii 93fi Aptiitiyuudii 93 galmeessuushee mirkaneeffanneerra.
Dhimma kana irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Ministeera Barnootaa irraa deebii argachuuf yaalaa jirra. Akkuma itti milkoofneen isin biraan kan geenyu ta’a.
Malkaamuu Abbabaatiin