Kitaabni “Mootummaa Ida’amuu” rakkoowwan Itoophiyaa keessa jiran xiinxaluun furmaata akka kaa’u Dhimma Baha Afrikaarratti Gorsaan Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaa ibsaniiru.
Sirna eebba kitaaba kanaa irratti xiinxala kan dhiyeessan Obbo Geetaachoon Mootummaan Ida’amuu rakkoo Itoophiyaaf furmaata qabatamaa akka akeekus itti dabaluun himaniiru.
Kitaabni kun sirna jiru diiganii kan biraa ijaaruu osoo hin ta’in waan fooyya’uu qaban sirreessuun adeemsa qaamni tokkichi waa hundaa anumatu walitti qaba jedhu jijjiiruun wal-qixxummaarratti kan xiyyeeffatudhas jedhaniiru.

Kitaabichi siyaasa ammayyaa tapha ida’ama zeeroo yoon waan barbaadu dhabee nan balleessa jedhu jijjiirun lammiileen biyyatti kabajaan akka jiraataniif kallattii akka akeeku Obbo Geetaachoon ibsaniiru.
Rakkoo amma Itoophiyaa keessa jiru kaasuun maloota furmaata dhiyeessun furmaanni saffisaan hojiirra akka ooluu danda’u kitaaba akeeku akka ta’es eeraniiru.
”Rakkoowwan Magaalaa Finfinnee keessatti kuufamanii turan furuuf kitaaba kallattii eerudhas” jedhan, Gorsaan Ministira Muummee.
Magaalaa Finfinnee jijjiiruuf aadaan hojii eegalame naannolee Itoophiyaa hundatti babal’achuu akka qabu yoo himan, Kitaabni kun dubbisuuf mijataa waan ta’eef namni hunduu dubbisuu akka qabu dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin