Dorgommiin “Miss Irreechaa” Fulbaana 20 bara 2018 Magaalaa Bishooftuutti akka adeemsifamu koreen saganticha qopheesse beeksiseera.
Itti Gaafatamuun Waajjira Aadaafi Tuurizimii Magaalaa Bishooftuu Aadde Gannat Mokonnin sagantichi Bishooftuutti gaggeeffamuun ayyaana Irreechaaf simboo dabalataa akka ta’u ibsaniiru.
Duudhaa Oromoo ganamaa kan ta’e Irreechaa Afrikaafi addunyaatti beeksisuuf Sagantaa kana akka qopheesuun barbaachise himameera.
Qindeessituun sagantichaa Aadde Masarat Dhaabaa bareedduun umriinshee waggaa 18-25 gidduu jirtu, waa’ee Irreechaa sirnaan kan beektu, duudhaafi aadaa sabichaa kan beektu dorgommicharratti hirmaachuu kan dandeessu ta’uu beeksiste.
Galmeen har’a Fulbaana 8 eegaluu himuun, bareedduun dorgommicha injifatte Birrii kuma 500, lammaffaan Birrii kuma 300fi sadaffaan Birrii 150,000 akka badhaafamtu ibsite.
Bareedduun Addunyaarraa yeroo ammaa 2ffaa taate Moodeel Hasseet Darajjee dorgommiin kun dubartootaaf carraa addaa kan uumu ta’uu ibsuu odeeffannoon EPA irraa arganne ni mul’isa