Sagantaan Baazaariifi Egzibiishiniin Irreechaa bara kanaa magaalaa Finfinnee keessatti Fulbaana 18-23′ tti Giddu Gala Aadaa Oromootti akka adeemsifamu Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ibse.
Dhimma kanarratti Biiroon kun miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa obbo Daraaraa Katamaa agarsiifniifi baazaariin irreechaa kun, aadaa uummatni Oromoo qabu madda dinagdee taasisuuf kan kaayyeffate akka ta’e ibsaniiru.
Hogganaa biiroo Indastrii magaalaa Finfinnee Obbo Efreem Gizaawu Agarsiisa kanarrattis uffata aadaa calaqqee aadaa uumata oromoo ogeessotaan qophaa’an, faayawwaniifi nyaanni aadaa kan dhihaatan yoo ta’u, hirmaannaa lammiilee itoophiyaa, akkasumas jiraattota magaalaa Finfinneetiin dabaalamee akka dhihaatu beeksisaniiru.
Wangeel Faqqadaatu Gabaase