Ethio-CERRT dorgommii Saayibarii biyyoota Afrikaa, Giddu Galeessa Bahaafi Biyyoota Miseensaa Tumsa Arabaa jidduutti gaggeeffame injifate.
Dorgommichi Gahumsa Ittisaafi Faccisa Saayibarii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, biyya Morookoo magaalaa Raabaatitti akka geggeeffame Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiseera.
Ethio-CERRT wal dorgommii yeroo 13ffaaf adeemsifame irratti morkattoota isaa hundumaa injifachuun Sadarkaa 1ffaatiin xumureera.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannootti Giddugalli Balaa Saayibarii Dursanii Akeekkachiisuufi Ittisuu (Ethio-CERRT) walabummaa sosochii dijitaalaa biyyattii eegsisuuf torban guutuu, sa’aatii 24 of eeggannoon kan hojjatu yoo ta’u, bu’aan argame hojiilee kanarra fooyya’aniif kan kakaasu ta’uu himameera.
Dorgommii kana irratti dhaabbileen Nageenya Saayibarii 30 ol yoo hirmaatan, Ethio-CERRT 1ffaa, Kaazaakistaan 2ffaa, Paaskistaan 3ffaa fi LY Cert 4ffaa akkasumas Igipt 5ffaa ta’uun xumuruu isaanii INSA’n beeksiseera.