Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan mootummaan bakkeewwan gahumsa tuurizimii misoomsuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiiseera jedhan.
Ayyaanni jijjiirraa baraa uummata Kambaataa ‘Maasaalaan’ magaalaa Duuraameetti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Ayyaanicharratti kan argaman Salaamaawit Kaasaa akka jedhanitti, haadha duudhaalee aadaa hedduu addunyaa dinqisiisuu danda’anii kan taate Itoophiyaan dandeettii tuurizimii olaanaa qabdi.
Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa iddoowwan hawwata tuurizimii hedduu qabaachuu kaasanii, ayyaanonni dirree akka Maasaalaa ammoo miidhagina keenyadha jedhan.

Iddoowwan hawwata tuurizimii naannichatti argaman misoomsuufi bakka gahumsa tuurizimii taasisuuf mootummaan kutannoo qabaachuus kaasaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Naafiisaa Almaahidiin gamasaaniin, mallattoo waliin hojjechuu, wal tumsuufi dhiifamaa kan ta’e Maasaalaan agarsiistuu Itiyoophiyaan haadha ayyaanota hedduu ta’uuti jedhan.
Naannichi aadaa qabu misoomsuufi beeksisuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, ayyaanota akka Maasaalaa tokkummaa sabdaneessa cimsuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. TOI